Hawaasa harka qalleeyyii naannawaa keenyatti argaman gargaaruun murteessadha – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Ebla 27, 2016 (FBC) – Hawaasa harka qalleeyyii naannawaa keenyatti argaman gargaaruun murteessadha jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Alamuu Simeen.

Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Alamuu Simeen ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun giddu gala Nyaataa Tasfaa Birhaan lakkoofsa 4tti argamuun harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Dooktar Alamuu, Lammiilee harka qalleeyyii gargaaruun hojmaata amantaa fi Hafuuraa waan ta’eef waayita ayyaanaa qofa osoo hin taane yeroo hunda lammiilee kanneen cinaa dhaabbachuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Yisimaay Adarawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment