Hidhaan Haaroomsaa biyyoon akka hin guuttamne hojjetamuu qaba

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Hidhaan haaroomsaa guddichi biyyoon akka hinguuttamne hojiin misooma sululaa ciminaan hojjetamuu qaba jedhame.

Waltajjiin marii biyyaaleessa hojii misooma sululaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira.

Baasii guddaan kan hojjetamaan hidhaaleen  biyyaattii  biyyoon akka hin guuttamne ittisuun dirqama ta’uu qaba jedhan Daayreekteerri hirmaannaa ummataa biyyaaleessaa mana  maree  hidha haaroomsaa aadde Roomaan Gabrasilaalsee.

Jiruu fi jireenyaa qonnaan bulaa itti fufiinsaan fooyyeessuu fi imala haaroomsaa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waggoottan darban naannoo hundatti hojiin misooma sululaa Doolaara Miiliiyoona 81tti tilmaamamu  hojjetamuu dubbataniiru.

Hojiin ijaarsa hidha haaroomsaa dhibbeentaa 69.7 irra ga’uus aadde Romaan ibsaniiru.

Waltajjiin marii biyyaaleessaa hidha bishaanii fi hojiilee misooma sululaa irratti xiyyeeffate kun yeroo 3ffaaf gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, barreeffamni qorannoo shan dhiyaachuun mariin kan irratti gaggeeffamuu ta’uu ragaan ni muul’isa.

 

Maddi:- TOI

 

 

 

Top of Form

Bottom of Form

 

Comments (0)
Add Comment