Hinditti guyyoota arfan walitti aananiif lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabanii addunyaarraa olaanaa ta’uun galmaa’e

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Indiyaan walitti aansuun guyyoot afuriif lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti vaayrasii koroonaan qabaman akka addunyaatti isa olaanaa ta’e galmeessite.

Sa’aatii 24 keessaatti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 49 fi 691 vaayrasichaan qabaniiru.

Hospitaalonni namootaan guutaman, hanqina ooksijiiniif jechaa dhukkubsattootaa ofirraa deebisaa jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) haalli Indiyaan amma keessa jirtu, haalaan yaadachiisa fi hamaadha ta’uu beeksiseera.

Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan du’anii guyyaa tokkotti kum2 fi 767n dabaleera.

Biyyattiitti hanga ammatti namoota miiliyoona 17 fi kuma dhibba 3 fi kuma 4 fi 304 dhibachaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 94 fi 998 darbeera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment