Hojiileen misoomaa Magaalaa Dassee rakkoo keessatti hojiilee jajjabeessaa hojjechuun akka danda’amu kan argisiisuudha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)- Hojiileen misoomaa Magaalaa Dassee rakkoo keessatti hojiilee bu’aa qabeessaa hojjechuun akka danda’amu kan argisiisu ta’uu Sadarkaa Ministiraa Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsaa Sirna Diimokiraasii Obbo Adam Faaraah dubbatan.

Jilli qondaaltotaa olaanoo mootummaa Federaalaa fi naannoo Ministira Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan durfamu hojiilee misoomaa Magaalaa Dassee daawwateera.

Miidhagina magaalatti kan dabalan daandiilee asfaaltii, ijaarsa buufata konkolaataa fi hojiileen miidhagina magaalatti hojjetamaa jiran jilichaan daawwatameera.

Daawwannicharratti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, hojiileen misoomaa Magaalaa Dasseetti hojjetamaa jiran qormaata keessattis hojiilee bu‘aa qabeessa ta’an hojjechuun akka danda’amu kan argisiisuudha.

Magaalattiin nageenyi ishee eegamee hojiilee misoomaan fakkeenyaa ta’uu akka dandeesse ibsan.

Rakkoolee nageenyaa Naannoo Amaaraa dabalatee naannolee biyyattii garaagaraatti mul’atan karaa nagaan furuuf hojjetamaa jiraachuu akeekuu AMC’n gabaaseera.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan gama isaaniin bu’uuraaleen misoomaa magaalattiitti hojjetamaa jiran bu’a argamsiisaa jiraachuu eeruun, hojiileen misoomaa kunneen cimaanii akka itti fufaniif deeggarsi barbaachisaan kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment