Hojiin Asiidummaa biyyee hir’isuu baasii Birrii biiliyoona 1.4 hojjetamaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Hojiin Asiidummaa biyyee hir’isuu lafa hektaara kuma 52 fi 710 irratti baasii Birrii biiliyoona1.4 hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaa beeksise.
Rakkoo Asiidummaan biyyee qaqqabsiisaa jiru furuuf qonnaan bultoota hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaan Misooma Qabeenya Biyyoo ministeerichaa Liiree Abiyyoon ibsaniiru.
Bara kana lafa Hektaara kuma 52 fi 710 irratti baasii Birrii biiliyoona 1.4n hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Naannolee dabalatee bara baajataa kana lafti hektaarri kumni 200 ol Nooraan yaalamaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment