Hojiin hoggantoota haaraa horachuu cimee itti fufa- F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC) – Hoggansa haaraa Saayinsii waraanaan ga’oome horachuun cimee kan itti fufu ta’uu Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarhsaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Fiild Maarhsaal Birhaanuu Juulaan Mana Barnoota Leenjii Hoggansa Komaandoo fi Humna Qilleensatti argamuun leenjitootaaf muxannoo isaanii qodaniiru.

Yeroo ammaa hoggansi sadarkaa gadii Raayyaa Ittisaa keessatti argaman boru hoggansa olaanoo har’a jiran bakka bu’uun raayyicha kan hogganan ta’uu kaasaniiru.

Hoggansa Raayyaa Ittisaa saayinsii waraanaan ga’oome Itiyoophiyaa boruu ijaaru horachuun hojii boruuf buluu miti jedhan.

Leenjitoonni hoggansa murteessoo raayyaa Ittisaa ta’uuf cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment