Hojjettoota humna ibsaa fakkaachuun qaamooleen traanisfoormeera hatuuf yaalaa turan to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti qaamooleen dhuunfaa hojjettoota humna ibsaa of fakkeessuun Traanisfoormeera olaanaa konkolaataan fe’uun hatuuf yaalaa turan harkaa harkatti to’atamuu ibsame.
 
Qaamooleen kunneen magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee aanaa 10nitti Traanisfoormeera humna ibsa olaanaa hatuuf yeroo yaalaan harkaa harkatti to’atamuu Koomishiniin Poolisii magaalichaa beeksiseera.
 
Qaamooleen kunneen ajaja hoggansa humna ibsaan Taraanifoormeera kana jijjiiruuf akka dhufan dubbatanis, humni ibsaa garuu qaamoole kana kan hin beekne ta’uu ibseera.
 
Poolisiin shakkamtoota fi qabeenya to’annoo jala erga oolchuun adeemsa qorannoo eegaluu isaa ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment