Interpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa sanyii filatamaa baay’inaa fi qulqullinaan dhiyeessuuf hojjetaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Interpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa sanyii filatamaa baay’inaa fi qulqullinaan dhiyeessuun haqina sanyii filatamaa mudatu furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksise.
Interpiraayizichi yeroo ammaa lafa hektaara kuma 32 irratti sanyii midhaanii gosa garagaraa misoomsaa jiraachuu Hoji Gaggeessaan Interpiraayizii Sanyii filatamaa Oromiyaa Obbo Furuu Baqataan himaniiru.
Bara oomishaa 2016/2017’fis sanyiiwwan filatamoo haalaawwan qilleensaa Godinaalee Oromiyaan wal siman qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraaniiru.
Interpiraayizichi hanga ammatti sanyii filatamaa% 80 ol dhiyeessaa jiraachuus ibsuu OBN gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment