Invastimantii bu’uuraalee misooma Ispoortii guddisuuf tattaaffiin taasiifamaa jira – Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) –Waggaa waggaan Invastimantii bu’uuraalee misooma Ispoortii guddisuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsan.

Obbo Qajeelaan hoggantoota Ispoortii naannolee fi bulchiinsa magaalootaa waliin mari’ataniiru.

Mootummaan guddina Ispoortii saffisiisuuf imaammata baasuurraa eegalee karaalee adda addaan Invastimantii bu’uuraalee misooma Ispoortiirratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Qajeelaan ibsaniiru.

Rakkoo damichaan ture furuun Ispoortii Itiyoophiyaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment