Iraaqitti balaa Ibiddaa mudateen namoonni sirna cidhaarra turan 100 du’an

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) – Iraaqitti balaa Ibiddaa mudateen namoonni sirna cidhaarra turan 100 lubbuun darbuu gabaafameera.

Namoota 150 olirra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu BBCn gabaaseera.

Richiitiin cidhaaf dhukaafame ka’umsa balaa kanaa ta’uu hin oolle jedhameera.

Misirroowwanis kanneen miidhaman keessaa isaan tokko ta’uu aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Waldaan Addeessaa Diimaa Iraaq gama isaan sababa balichaan waliigala namoonni 450 ol miidhamuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment