Isiraa’eel gaggeessaa olaanaa Hamaas Maarwaan Iisaa ajjeessuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Gaggeessaa olaanaan Hamaas Maarwaan Iisaa haleellaa qilleensaa Israa’el gaggeessiteen ajjeefamuu Ameerikaa beeksifte.
Waraanni Israa’eliifi Hamaas gidduutti erga eegalee, qondaalli Hamaas olaanaan du’uun kun kan jalqabaati.
Maarwaan Iisaa ajajaa ittaanaa damee waraanaa Hamaasidha.
Ameerikaan ajjeefamuu Maarwaan Iisaa haa beeksisftu malee Hamaas gamasaatin dhugaas, sobas hin jenne.
Maarwaa Iisaan Ijoollummaatti Hamaasitti kan makame yoo ta’uu “Nama hin Beekamne” jedhamuunis beekama.
Nama gamnaafi abdii hin kutanne ta’uunsaa Isiraa’el kan yaaddesse yoo ta’u, “nama pilaastika sibiilatti jijjiiruudha” jechuun ibsiti.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraanni Gaazaatti gaggeeffamaa jiru maal ta’uu akka qabu Ministira Muummee Isiraa’eel Beeniyaaamin Netaaniyaahuu waliin mari’ataniiru.
Maarwaan Iisaan torbee darbe haleellaa Israa’el ulaa lafa jalaa irratti qiyyaafachuun giddu galessa Gaazatti raawwatteen ajjeefame miidiyaalee ibsaniiru.
Ajajaa Ittaanaa damee waraana Hamaas, Birgeedii Izaddiin al-Qasiim, kan ta’e Maarwaan Iisaa gaggeessitoota Hamaas Israa’el du’aaf barbaaddu keessaa isa tokko ta’uu eerameera.
Haleellaa Onkololessa 7, 2023 Hamaas Isiraa’el irratti gaggeesse keessatti hirmaannan Maarwaan olaanaa ta’uu ibsameera.
Waraanni Isiraa’el-Hamaas erga eegalee lammiileen nagaa kuma 31 ol ta’an ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksisuu BBCn gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment