Itiyoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaatti hanqina hojmaata bobbii hojiirratti mul’atu furuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil Ministir Deetaa Ministeera Qabeenya Namaa fi Misooma Hawaasummaa Saa’ud Arabiyaa Abdiilwaahaab Al Ageel waliin mari’ataniiru.
Bobbii hojii seera qabeessa lammiilee ilaalchisee mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Mootummaan Itiyoophiyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Aadde Mufariyaati ibsaniiru.
Bobbiin hojii bifa haaraan gurmaa’ee eegalame yeroo gabaabaa keessatti bu’aa gaarii argamsiisuu dubbataniiru.
Yeroo itti aanu gareen teeknikaa hundaa’uun rakkoolee adeemsa bobbii hojiirratti mudatan furuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Adeemsi Bobbii hojii haaraa eegalame jijjiirama fidaa jiraachuu Abdiilwaahaab Al Ageel ibsaniiru.
Hanqinaalee damichaan mul’atan furuun bu’aa caalmaaf waloon kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment