Itiyoophiyaan damee atileetiksiin sadarkaa 2ffaan xumurte

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Dorgommii Tapha Guutuu Afrikaarratti damee Atileetiksiin sadarkaa 2ffaan xumurtetti.

Taphni Guutuu Afrikaa 13ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Dorgommicharratti Itiyoophiyaan Atileetota 87’n kan hirmaatte yoo ta’u, meedaaliyaa Warqee 7 Meetii 7 fi Nahaasa 4, waliigalaan meedaaliyaawwan 18 argachuu dandeesseetti.

Tapha guutuu Afrikaa kanarratti biyyoota Afrikaa 50rraa Atileetonni 640 hirmaachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment