Itti Aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqee Mokonnin Hoospitaala Fiildi covid 19 Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) –Itti Aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqee Mokonnin Hoospitaala Fiildi covid 19 Finfinnee daawwatan.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqee Mokonnin Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa waliin ta’uun kutaa magaalaa Boolee Boolee Bulbultaatti tajaajila yaalaa covid 19f qophaa’aa kan jiru Hoospitaala Fiildi covid 19 Finfinnee daawwataniiru.

Hoospitaalli Fiildi covid 19 Finfinnee Hoospitaala Ispeeshaalaayzid Qiddus Pheexiroos jalatti qindeessummaa ministeera fayyaan deeggarsa Saganataa Nyaataa Addunyaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaan kan hojjetame yoo ta’u Qaammee 5 hojii akka eegalu ragaan ministeera fayyaarra argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment