Ityoophiyaa 6 – 1 Zaanzibaar

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Gareen kubbaa miilaa dubartootaa biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 18 gadii gita isaa Zaanzibaar goolii 6 fi 1n injifateera.

Garichi tapha Waancaa Bahaa fi Giddu galeessa Afrikaa Taanzaaniyaatti taphatamaa jiruun har’a gita isaa Zaanzibaar garaagarummaa goolii hedduun injifachuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Immush Daani’eel goolii 3, Maahileet Mitikkuu goolii 2 fi Tinbiiti Saamu’eel goolii 1 garee isaaniif galchaniiru.

#Oromia #ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment