Ityoophiyaa fi Emmireetonni Arabaa Gamtooman hariiroo isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil itti aanaa muummee ministiraa fi ministira Ministeera Biyya Keessaa Emmireetota Arabaa Gamtooman Leetanaal Janaraal Sheek Sayf biin Zaayed Al Naahyaan waliin mari’atan.
 
Aadde Mufariyaat daawwii hojii Abu Daabitiin, hariiroo Ityoophiyaa fi Emmireetota Arabaa Gamtooman cimsuurratti mari’ataniiru.
 
Tumsa damee poolisii cimsuurrattis waliin hojjechuuf mari’ataniiru.
 
Maricharratti koomiishinar janaraalli Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw hirmaataniiru.

 

Dabalataan ministirri Ministeera Nageenyaa FDRI aadde Mufariyaat Kaamiil hoggansa Fandii Misoomaa Abu Daabii waliin mari’ataniiru.
 
Tumsa Ityoophiyaa waliin jiru cimsuurratti daayreektara olaanaa fandichaa Mahaammad Sayf Al Suwaaydii waliin mari’ataniiru.
 
Aadde Mufariyaat tumsa diinagdee fi hawaasummaa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii fi Fandii Misoomaa Abu Daabii dinqisiifatanii, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
 
Daayreektarichi dhaabbanni isaanii tumsa misoomaa fi guddinaa biyyoota Afrikaa waliin qabu cimsuuf kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
 
Biyyoonni Afrikaa karoora misooma waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii milkeessaa akka jiranis kaasaniiru.
 
Proojaktoota misoomaa faaynaansiin deeggaruu fi carraalee invastimantii Ityoophiyaarrattis mari’atameera.
 
Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2012 eegalee proojaktoota misoomaa lamarratti Fandii Misoomaa Abu Daabiirraa tumsa Dirihaama Emmireetota Arabaa Gamtooman miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 19.4 argatteetti.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment