Ityoophiyaa qormaatilee hedduun mudataniinis milkaa’inaalee galmeessisteetti-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Bara 2015 Ityoophiyaa qormaatilee hedduun keessaa fi alaan mudataniinis dameewwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasan milkaa’inaalee hedduu galmeessuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun dubbatan.

Tajaajilichi waltajjii waloo miidiyaale fi kominikeeshinii Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Dooktar Laggaasaa Tulluun waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, diinagdeen Ityoophiyaa yeroo ammaa Afrikaarraa sadarkaa 5ffaarrattii kan argamu ta’uu eeran.

Milkaa’inaaleen hedduun biyyattiitti galmaa’aan deeggarsa miidiyaalee fi kominikeeshiniin dabaalamee ta’uu ibsuun, milkaa’inaalee kanneen garuu qormaatilee hedduun akka mudataniin kaasaniiru.

Keessumaa fiinxaalessummaan, biyyattii qormaata keessa galchaa turuu ibsuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Keessumaa odeeffannoo sirriirratti bu’uureffachuurraa jette jetteen ololli afarfaman, walitti bu’iinsa uumuuf duulli miidiyaalee hawaasummaa qormaataa olaanaa akka ture yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa biyyatti naannawaa hundaatti nageenya mul’ataa jiru fayyadamuun, damee qonnaan, misoomaa jallisiin, maaddii guutuun, ashaaraa magariisaan, albuudaan, damee tuuriizimiin hojiilee eegalaman bu’a qabeessa ta’uu himaniiru.

Karoora fooyya’iinsa diindgee biyya keessaa marsaa 2ffaa hojiirra kan oolfamu waan ta’eef qaamoleen hundi qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment