Ityoophiyaan Agarsiisa Daldalaafi Dinaagdee Chaayinaa -Afrikaa 3ffaarratti hirmaacha jirti

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amaanteen agarsiisa Daldalaa fi Dinaagdee Chaayinaa – Afrikaa 3ffaarratti hirmaachaa jiru.

Agarsiisa Hunaanitti gaggeeffamaa jiru kanarratti bakka buutoonnii biyyoota Afrikaa 53 fi dhaabbiileen idil Addunyaa hirmachaa jiraachuun ibsameera.
Dooktar Girmaa Amaanteen waltajjicharratti hasaawa taasisaniin, Ityoophiyaan oomishaa nyaataa fi adeemsa waljijjiirraa daldalaarraatti ulaagaalee irraa eeggamuu guutuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Tumsi Afrikaa fi Chaayinaa bu’aa olaanaa qabaachuu kan ibsan Dooktar Girmaan , gara fuuladurattis fayyadamummaa waloo eegsisuun itti fufuu qaba jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Chaayinatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Darriboow ,konfiraansii Piroomoshinii Invastimanti bufataa Gogaa Chaayinaa Yuungijoo Magaalaa Chaangishatti gaggeffamaa jirurratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti Ambaasaaddar Tafarraan ,haala mijataa Invastimantii Ityoophiyaan qabdu ilaalchisee ibsa kennuu isaanii ragaan Chaayinatti Embaasii Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment