Ityoophiyaan tapha michoommaan Gayaanaa injifatte

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) –Gareen Kubbaa miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa gara Ameerikaa imaluun tapha michoommaan Kilaba Gayaanaa goolii 2 fi 0n injifateera.

Shimallis Baqqalaan daqiiqaa 11′ fi 76′ irratti waaliyaawwaniif goolii lamaan galcheera.

Tapha Waaliyaawwan Kilaba biyyaalessa Kaaribiyaanii Gayaanaa waliin Waashingitan DC Istaadiyeemii Seegree Fiilditti taasisan kanarratti dhalattoonni Ityoophiyaa dirreetti argamuun jajjabeessuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment