Ityoophiyaatti Ejansiin dhiyeessii Qorichaa giddugalli Hawaasaa raawwii Kaayizaniin sadarkaa Afriikaatti injifate

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti Ejansiin dhiyeessii Qorichaa giddugalli Hawaasaa raawwii Kaayizaniin sadarkaa Afriikaatti injifachuun isaa manneen hojii mootummaaf barnoota kan kennuudha ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Hooggantoonni hojii olaanoon Ministeera Fayyaa Hawaasaatti argamuun sosochii hojii damichaa daawwataniiru.

Ejansicha jalatti sadarkaa biyyaatti dameewwan 18 akka jiran himuun,Giddugalli Hawaasaa raawwii Kaayizaniinis ta’ee raawwii hojiin sadarkaa jalqabarratti akka argamu Dooktar Liyaan himaniiru.

Ejansichatti hojii gaggeessaa olaanaan damee Hawaasaa fi qindeessan kilaastara Kibbaa Obbo Zaman Bayyanaa, damichi Ityoophiyaa bakka bu’uun sadarkaa Afriikaatti injifachuu isaatti akka gammadan himuun,fuldurattis qulqullina hojii fi tajaajila saffisaa kennuuf nu kakaasa jedhaniiru.

Bara baajataa 2013 xumurameetti qoricha Birrii biiliyoona 2.4’tti tilmaamamu fayyadamtootaf raabsuu himaniiru jechuun dhaabbanni Raadiyoofi TV kibbaa gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment