Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 432 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 8, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 432 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 20 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,071 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 432 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 700 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 42, 700 irratti argama.

Namoonni 582 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 20 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,996 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 66 fi 264 qabamaniiru.

Namoonni 1,460,021 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment