Ityoophiyaatti oomisha Haayidirooloojii Magariisaa fi Amooniyaa anniisaa haaromfamaaf oolchuuf kaampaanii Awustiraaliyaa waliin waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Invastimantii Awustiraaliyaa “Fortescu Future Industries” jedhamu Ityoophiyaatti gaazii faalaarraa bilisa kan ta’e oomisha haayidirooloojii magariisaa fi amooniyaa irratti bobba’uun anniisaa haaromfamaaf oolchuuf Ministeera maallaqaa waliin waliigalteerra ga’uu beeksise.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, milkaa’ina proojektiichaaf mootummaan Ityoophiyaa dhaabbaticha waliin kutannoon kan hojjetu ta’uu beeksisaniiru.

Proojektichi diinagdee magariisaa cimsuun, anniisaa gaazii faalaarraa bilisaa dhiyeessuu, carraa hojii lammiileef uumuu, anniisaa haaromfamaa biyyaa alaaf dhiyeessuun guddinaa fi misooma biyyattiif gumaachaa akka qabu Obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.

Bara Faranjootaa 2022 eegalee Mootummaan Ityoophiyaa kaampaanii Awustiraaliyaa ‘’Fortescu Future Industries’’ waliin proojektii oomisha Haayidiroolojii Magariisaa fi Amooniyaa eegaluudhaaf mari’achaa turuu yaadachiisanii, Ityoophiyaa giddugala anniisaa haaromfamaa gochuun hanqina dhiyeessii anniisaa biyya keessaas ta’e, biyya alaa furuuf kubbaaniyyichis ta’e mootummaan xiyyeeffannaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Hoji Gaggeessituun Kubbaaniyyaa ‘’Fortescu Future Industries’’ Juulii Shutliwootzi, kubbaaniyyichi Haayidirooloojii Magariisaa fi Amooniyaa oomishuudhaan gadi lakkifama kaarboonii zeerootti gadi buusuun guutummaatti anniisaa haaromfamaa faayidaarra akka oolchan beeksisaniiru.

Ityoophiyaan damee anniisaa ji’ootermaalii, bubbee fi anniisaa aduutiin qabeenyi qabdu Hojii invastimantii kubbaniyyichaaf filatamtuu taasiseera jedhan.

Haayidirooloojiin Magariisaa fi Amooniyaan oomisha xaa’oo, simmintoo, geejiba konkolaataa, baaburaa fi dooniif maddaa anniisaa ta’uun kan tajaajiluu maddaa gaazi faalaarraa walabaa ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment