Jila Atleetiksii Itiyoophiyaaf badhaasni jajjabeessituu laatame

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Jila Atleetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 19ffaarratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesseef badhaasni jajjabeessituu laatameera.

Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Pireezidaantii Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu Komishinaraa Atleet Daraartuu Tulluu dabalatee jilli Atleetiksii fi keessummoonni waamichi taasiifameef saganticharratti argamaniiru.

Atleetoota meedaaliyaa Warqee argamsiisan Birrii kuma 60, kan meedaaliyaa Meetii argamsiisan Birrii kuma 40 fi meedaaliyaa Nahaasii argamsiisan Birrii kum 30 badhaafamaniiru.

Atleetoota dippiloomaa argamsiisaniif ammoo badhaasni Birrii kuma 15 laatameera.

Atleet Tsahaay Gammachuu fi Yelamzarfi Yewahaalaw badhaafamtoota addaa ta’uun Birrii kum 50 badhaafamaniiru.

Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 19ffaan Waliigala Meedaaliyaa 9 argachuun Addunyaarraa sadarkaa 6ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.

Warqinahi Gaashahuun tu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment