Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Beelgireedirratti hirmaate Finfinnee gale

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Mana Keessaa Beelgireed 18ffaarratti hirmaate Finfinnee galeera.
Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’u Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Preezdaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandaar Atleet Daraartuu Tulluu dabalatee hoggantootaa mootummaa olaanoo biroo fi qaamolee dhimmi ilaallatuun simannaan taasiifameefira.
Jilli kun Shaampiyoonaa Atleetiksii mana keessaa Beelgireed 2022 18ffaarratti hirmaachuun waliigala meedaaliyaa 9 addunyaarraa sadarkaa 1ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment