Jilli Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu Suuraa Yaadannoo Atileet Abbabaa Biqilaa Roomitti argamu daawwate

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Jilli Itaamaajoorii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu Suuraa Yaadannoo Atileet kumalaa Abbabaa Biqilaa Xaaliyaanii Roomitti argamu daawwateera.
Suuraan Yaadannoo kumalaa Abbabaa Biqilaa bara Faranjootaa Adoolessa 23, 2023 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kaa’amuun kan yaadatamuudha.
Suuraan Atileet Abbabaa Biqilaa ogummaa aartiin olaanaan hojjetame kun erga Daandii Roomirra kaa’amee booda seenaa Atileetichaa beeksiisuurratti gumaacha olaanaa taasiisaa jiraachuu ibsameera.
Siidaan kun hariiroo Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuurratti qooda bahachaa jiraachuu ragaan Xaaliyaanitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment