Jilli Kantiibaa Adaanech Abeebeen durfamu Magaalaa Chenduutti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Muddee 13, 2016 (FBC)-Jilli Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen durfamu Chaayinaa Bulchiinsaa Suchuwaan Magaalaa Chenduutti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Jilichi Bulchiinsaa Suchuwaanitti daawwaannaa hojii taasisaa jiruun, yaadiddama misoomaa qindaaa’aa magaalota Chaayinaa hojiirra oolchuuf magaalota gidduutti walitti hdhamiinsa umuu fi misooma tarsiimoo misooma qindaa’aan hogganamuun gaggeeffamaa jiru daawwateera.

Akkasumas qonnaa magaalaa babal’isuu, carraa hojii uumuu cinaatti, hojiilee bu’aa argamsiisuu danda’an daawwachuun, sagantaa Maaddii Guutuu Itiyoophiyaatti jalqabame daran babal’isuu haala dandeessisurratti muuxannoo qooddachuun ibsameera.

Dabalataan miidhaginaa fi qulquqllina, mijaa’ummaa, hawwattummaa tuuriizimii, eegumsa naannawaan hojiilee milkaa’inaan hojjetaman daawwateera.

Jilli Kantiibaa Adaanech Abeebeen durfamu daawwannaa Magaalota Chaayinaatti taasisaa ture xumuruun gara biyyaatti deebi’eera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment