Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Magaalaa Dambii Dollootti dhimmoota misoomaafi nageenyaarratti hawaasa waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Dollootti dhimmoota misoomaafi nageenyaarratti hawaasa waliin mari’ateera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa itti dhiyeenyaan mariisisuun hudhaalee darbanii darbanii gama nageenyaafi misoomaan mul’atan hiikuun galma karoora xiiqii qabate milkeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Bara kana Godinichatti karoora xiiqii imala badhaadhinaa gama siyaasaa, hawaasummaafi diinagdeen jiran dhugoomsuuf hojjetamaa jiran yeroo, qulqullinaafi baay’ina barbaadameen xumuruuf hojiiwwan bal’aan hojjetamuu ka’eera.
Mootummaan Inisheetiiviiwwan jiruuf jireenya hawaasaa jijjiiruun badhaadhina maatiifi biyyaa milkeessuu danda’an bocee hojiitti hiikuun, jijjiiramni guddaan argamaa jiraachuu Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii himaniiru.
Godina Qellem Wallaggaattis hojiileen Mootummaafi Paartii bara kanaaf qabaman baay’ina, ariitiifi qulqullina barbaadamuun akka xumuramaniif gaheen qooda fudhattoota sadarkaa hundaa olaanaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Marii kana irrattis qooda fudhattoonni garaagaraa aanaalee godinichaa 11fi Bulchiinsaa magaalaa argamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment