Jilli Obbo Bariisoo Fayyisan durfamu facaasaa Boqolloo Qonna Ganna eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) –Jilli Hoggaanaa Ittaanaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Godina Jimma Aanaa Botor Xollaayitti facaasaa Boqolloo Qonna Gannaa eegalchiseera.
Godinichatti qonna gannaan lafa heektaraa kuma 238 ol sanyii boqqoloon uwwisuuf qophiin taasifamuun ibsameera.
Obbo Baariisoon saganticharrati hasaawa taasisaniin , Godinni jimma oomishaa ruuzii, qamadii, bunaa, dammaa, furdisaa Loonii fi baala shaayiin hojiileen boonsan hojjetamuu dubbataniiru.
Godinichi inisheetiivii misoomaa garaagaraa milkaaneesuu keessatti gahee ol-aanaa bahataa jiraachuus eeraaniiru.
Abdurheman Mahaammaditu gabaase.
Comments (0)
Add Comment