Jimmaa Abbaa Jifaar Qiddusa Giyoorgiis 2-1 injifate

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Tapha Priimiyar liigii Ityoophiyaa torbee 5ffaan Jimmaa Abbaa Jifaar Qiddusa Giyoorgiis 2-1 yoo injifatu Adaamaan qixa bahe.

Liigiichaan guyyaa har’aa taphoonni 6 kan gaggeeffaman yemmuu ta’u, taphoonni 3 injifannoon, sadi ammo qixaan xumuramaniiru.

Haaluma kanaan taphni Jimmaa Abbaa Jifaar 2-1 Qiddusa Giyoorgiis, Magaalli Adaamaa 1-1 Sisuul Shiree, Walaayittaa Diichaan 0-1 magaalaa Walqixxee akkasumas magaalaan Dirree Dawaa 0-0 Buna Ityoophiyaa xumurameera.

Taphni  Hadiyyaa Hoosaa’inaan 2-2 magaala Bahirdaar, Hawaasaan1-3  Buna Sidaamaa xumuramuu isaa ibsameera.

Jimmaa Abbaa Jifaar tapha jalqaba Istaadiyeemii isaa haaraatti taphateen milkiin xumuruun isaa hamilaa olaanaa akka ta’uuf himameera.

 

Comments (0)
Add Comment