Jiraattonni magaalaa Shaashamannee garee shorokeessaa Shaneerratti qabsaa’uun kaayyoo isaa kan fashaleessan ta’uu ibsan

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Shaashamannee mootummaa cinaa dhaabbachuun garee shorokeessaa Shaneerratti qabsaa’uun kaayyoo isaa kan fashaleessan ta’uu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa kun lammiilee nagaa ajjeesuunii fi qabeenya barbadeessuun gocha badii raawwachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.

Qabsoo garichi yaaddoo uummataa akka hin taaneef taasifamuu keessatti mootummaa naannichaa cinaa dhaabbachuun ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uu mirkaneessaniiru.

Tarkaanfii mootummaan garicharratti fudhatu sirrii fi kan deeggaran ta’uu ibsuun, galumsaa fi ba’umsa garichaa hordofuun qaamolee nageenyaaf odeeffannoo kennuun dirqama isaanii kan ba’atan ta’uu dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment