Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sablammootaa 16ffaa ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Qopheessummaa magaalaa Dirree Dawaan kan gaggeeffamu kabaja Ayyaanna Sabaa fi Sablammootaa 16ffaa ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Wixineen dhaadannoo ayyaanichaa qindeessitoota kabaja ayyaannichaan waltajjichaaf dhiyaachuun irratti mari’tamaa jira jedhame.

Agarsiifnii fi Baazaariin daldalaa Hidha Haaromsaarraatti xiyyeeffate kabaja Ayyaana Sabaa fi Sablammootaa 16ffaa keessatti hammatamuu akka qabu maricharratti dhiyaachuu ibsameera.

Akka EBCn gabaaseetti Waltajjii kanarratti Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faaraahi fi Af Yaa’iiwwan naannolee dabalatee qooda fudhattoonni argamaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment