Kabajni Ayyaana Mawuliidaa fi Daamaraa nagaan xumurame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) – Kabajni Ayyaana Mawuliidaa fi Daamaraa nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.

Humni walichaa ayyaanoonni kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramu iddoolee shakkiin juratti xiyyeeffachuun hojiin hojjetame milkaa’ina kana argamsiisuu ibseera.

Teeknooloojiiwwan hojichaaf tumsan fayyadamuun qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun ayyaanichi nagaan xumuramuu humni walichaa ibsa baaseen ibseera.

Humni walichaa ayyaanonni kunneen nagaan akka xumuraman qaamolee gumaacha taasiisan hunda galeeffateera.

Ayyaanonni ummataa yeroo itti aanu kabajamanis nagaan akka xumuraman hawaasni tumsa barame akka taasiisu waamicha dhiyeesseera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment