Kadhannaan guyyaa Kamisaa sirnoota afuuraa garaagaraatiin yaadatame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Kadhannaan guyyaa Kamisaa manneen amantaa kiristiyaanaa Ortodooksii Tawaahidoo fi Manneen Amantaa Kaatoolikii Ityoophiyaatti sirnoota afuuraa garaagaraatiin yaadatameera.

Sirni kadhannaa kun manneen amantaa kiristiyaanaa guutuu biyyattitti argaman keessaatti yaadatamuu  ibsameera.

Sirna kadhannaa guyyaa Kamisaa mana amantaa kiristiyaanaa qulqulluu Maaramii Teessoo Paatiriyariik Ortodooksii Tawaahidoo Ityoophiyaatti gaggeeffameerratti Paatriyaarikiin amana amantichaa Abunee Maatiyaas dabalatee abbootiin amantaa, hoggantoonni, luboonnii fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru.

Guyyaan kun guyyaa Iyyesuus Kiristoos gadi of qabuun duuka buutoota miilla dhiquun kabaja itti barsiiseedha.

Hordoftoonni amantaa kiristiyaanaa biyyattis manneen amantaa guutuu biyyattitti argaman keessaatti sirnoota afuuraa adda addaatin guyyicha yaadataa jiru jedhame.

Tsaggayee Wandasaantuu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment