Ka’umsa balaa ibiddaa magaaloota Addis Katamaa fi Gullalee qulqulleessuun tarkaanfiin ni fudhatama-Aadde Adaanach

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC)- Guyyaa kaleessaa ka’umsa balaa ibiddaa magaaloota Addis Katamaa fi Gullaleetti qaqqabee qulqulleessuun tarkaanfii akka fudhatamuu fi namoota miidhamaniif deeggarsii barbaachiisaan akka taasifamuu Itti Aaantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Aadde Adaanach har’a ganama kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 10 giddugalaa gabaa Ifooyitaatti argamuun balaa ibiddichaan miidhaa qaqqabee daawwachuun jiraattoota miidhaman jajjabeessaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa namoota balaa ibiddachaan miidhamaaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisuu himaniiru.
Balichaan heddummina suqoota fi manneen gubatanii poolisiin adda baasaa jira jedhaniiru.
Ka’umsa balichaa beekuuf tattaaffi taasifamuu fi nageenyaa waloof namni odeeffannoo qabuu hundi poolisiif eeruu akka laatu waamicha dhiyeessaniiru.
Balaa walfakkataan akka kana akka hin qaqqabneef jiraattoonni magaalichaa of eeggannoo barbaachisaa akka taasisuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaatii Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment