Keeniyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaatti miidhaan balaa Lolaa dabalaa dhufuu ibsame

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Keeniyaatti hidhaan Kiijabee jedhamuun jiguun lolaa qaqqabsiiseen lubbuun namoota 45 darbuu ibsame.
Lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.
Akkasumas Kaaba-baha keeniyaa bakka Madoogoo jedhamutti bidiruun namoota baayyee feete lolaan fudhatamuun namoonni 28 lubbuun darbuu eerameera.
Hanga Sambata darbeetti Keeniyaa bakka gara garaatti sababa lolaan lubbuun namoota 83 darbuu fi namoonni kumni130 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu BBCn gabaaseera.
Taanzaaniyaattis rooba cimaa roobuu hordofee balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 155 darbuu fi kumaatamni qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun kan yaadatamuudha.
Burrundiittis namoonni kumni 100 ol buqqa’aniiru jedhame.
Comments (0)
Add Comment