Keeniyaatti balaa konkolaataa mudateen yoo xiqqaate namoonni 49 du’uu dhaga’ame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Keeniyaatti balaa konkolaataa bakka namoonni heddummatanitti mudateen yoo xiqqaate namoonni 49 du’uu pooliisiin biyyatti beeksise.

Balaan kun kan mudate konkolaatan fe’umsaa ‘konteenarii’ baatee deemu konkolaachisaaf ajajamu diduun karaarraa maqee bakka namoonni baayyeen itti argamaniitti kufuun lubbuu namoota hedduu galaaffachuu ibsameera.

Balichi kan mudate naannoo magaala Kerichoo jedhamutti ta’uu eerameera.

Namoonni 30 ta’an ammoo miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment