Keeniyaatti Balaa Lolaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 170 ga’uu ibsame

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Balaa Lolaa hamaa Giddu Galeessa Keeniyaatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 170 ga’uu ibsameera.
Keeniyaatti rooba cimaa walitti fufiinsaan roobaa jiruun lolaan lubbuu namoota hedduu galaafachuu hordofee Pireezidaantin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon kaabineesaanii wal-gahii ariifachiisaa waamuu BBC, Al Jazeera fi Bloomberg gabaasaniiru.
Walgahiin hatattamaa Ruutoon waaman balaa lolaa biyyattii irratti mari’achuuf ta’uu eerameera.
Sababa lolaan namoonni kumni 147 caalan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu gabaafameera.
Qabeenyi hedduun barbadaa’uus ibsameera.
Comments (0)
Add Comment