Kilaboonni naannoo Tigraay hanga Caamsaa 24, 2015tti gabaasa akka godhan gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC) – Kilaboonni naannoo Tigraay hanga Caamsaa 24, 2015tti gabaasa akka godhan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa naannichaa gaafate.

Kilaboonni Kubbaa Miilaa Naannoo Tigraay sababa walitti bu’iinsaan dorgammii ala ta’aniin turuun kan yaadatamuudha.
Kilaboonni kunneen Dilbata darbe Federeeshiniin Kubbaaa Miilaa naannichaa waliin marii taasiisaniiru.

Miidhaa qaqqabee fi haala sochii yeroo itti aanurratti marii bal’aan taasiifamuu ibsameera.

Gabaasni dhiyaate ga’aa waan hin taaneef hanga Caamsaa 24, 2015tti gabaasa waliigalaa akka dhiyeessan federeeshinichi gaafateera.

Federeeshinichi sochii Kubbaa Miilaa naannichaa yeroo itti aanuu qorachuuf Koree Teeknikaa miseensota 9 qabu hundeessuu Sookara Ityoophiyaan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment