Komiishiniin Poolisii Federaalaa uffannaa dambii (Reenjarii) Poolisota Federaalaa jijjiire

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Komiishiniin Poolisii Federaalaa uffannaa dambii (Reenjarii) Poolisota Federaalaa jijjiire.

Reenjarii haaraan eebbifame kun torbee lama keessatti poolisoota Federaalaa maraaf rabsamee, bara haaraatti ilaalcha haaraadhaan hojiin nageenya kabachiisuu kan ittiin hojjatamu ta’uutu ibsame.

Sagantaa kanarratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Ministirri Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiilii fi komiishinara jeneraalaa Komiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaawu Xaasawuf simannaan kabajaa, agarsiisaa hiriiraa fi faaruun dabaalameen taasifameefi jira.

Ministirri Nageenyaa aadde Mufariyaat, waggaa 2 asitti jijjiirama sadarkaa biyyaatti galmaa’een riifoormiin sadarkaa gara garaatti gaggeeffamaa turuu himuun Reenjarii (uffannaa dambii) poolisii jijjiiruunis qaama rifoormii kanaa ta’uu dubbatan.

Poolisummaan ogummaa namusaan, miira uummatummaa qabaachuu fi demokraatawa ta’uun ibsamudha.

Naamusa poolisummaa ogummichi barbaadu qabaattan bara haaraatti ilaalchaafi uffannaa haaraan uummata tajaajiluuf of qopheessuu qabdu jechuun Poolisotaaf dhaaman Aadde Mufariyaat.

Akka gabaasa OBNtti Poolisiin amantaa fi saba keessaa ba’e qabaatus, amantaa fi eenyummaan isaa alaabaa biyya isaan ibsama, kabaja heera biyyaafi nageenya uummata isaaf dursa kennees hojjachuu qaba jedhan.

Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaawu Xaasawu uffannaan danbii poolisotaa Federaalaa tajaajila kennaa ture waggoota hedduu kan lakkoofsise ta’uufi poolisoota hanqina naamusaan hir’ifamanii fi sababoota gara garaan hojii keessa hinjirre harka jiraachuu isaatiin tajaajila hinmalleef oolaa waan jiruuf jijjiiruun akka barbaachise himaniiru.

Uffannaan jijjiirame, naamusaan dabaalamuu akka qabu, Ogummaa poolisummaa leenjiin argatan caalaatti miira aantummaa qabuun kan ittiin uummata tajaajilan ta’uu ibsan.

Dhaabbanni kun dirqama irraa eegamu akka qixaan ba’uufis mootummaan deeggarsa barbaachisu akka cimsu himan.

Sagantaa uffannaa dambii haaraa eebbisuun uummataaf ifa gochuu kanarratti Agarsiifni maarshi baandii, hiraaraa fi faaruuwwan gara garaa dhiyaateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment