Komishinaroonni marii biyyaalessaa hoggantootaa fi ogeeyyii miidiyaa waliin mari’ataa jiru

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) –Komishinaroonni marii biyyaalessaa hoggantootaa fi ogeeyyii miidiyaa waliin mari’ataa jiraachuu ibsameera.

Marii kanarratti ogeeyyin miidiyaa, hoggantoonni miidiyaa fi komishinaroonni argamaniiru.

Komishinarri Komishinii marii biyyaalessaa  Proofeesar Masfin Arayaa yaada dhiheessaniin miidiyaaleen odeeffannoowwan jiran hawaasa biraan ga’uu keessatti qooda olaanaa waan qabaniif waliin mari’achuun barbaachise jedhan.

Hoggantoonnii fi ogeeyyin miidiyaas yaadota ka’umsaa kaasanii irratti mari’ataa jiru.

Yaadota kaasaniin dhiibbaan miidiyaa hawaasaa waan jiruuf odeeffannoowwan waqtaawaa ariitiin miidiyaaleef kennuu qabdu, miidiyaa waliin walitti dhiheenyan hojjechuu qabdu jedhan.

Barbaachisummaa marii biyyaalessaa kanarratti muuxannoo biyyoota biroo dhiheessuun uummata hubachiisuun barbaachisaadha.

Kanaaf ammoo miidiyaa fayyadamuun barbaachisaadha jedhan.

Dabalee Gaarradoo fi Iddoosaa Abdiitu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment