Komishinichi boqonnaa marii Finfinneetti eegaluuf ta’uu ibse

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti Boqonnaan marii biyyaalessaa Caamsaa 21, 2016 irrra eegalee kan eegalu ta’uu beeksiiseera.
Komishiniicha ibsa har’a kenneen boqonna kanaan wantoota hojjetaman sadii ifoomseera.
Jalqabarratti hirmaattonni marichaa yaada ajandaa kan fidan ta’uu Koomishinarri Koomishinii Maree Biyyaalessaa Hiruut Walda sillaaseen dubbataniiru.
qooda fudhattoonni kunneen ajandalee isaanii kan waloo taasiisuun qindeessanii yaada furmaata ni dhiyyessuu jedhan.
Dhumarratti qooda fudhattoonni adda bafaman kunneen hirmaattoota Yaa’ii mariicharratti bakka bu’aan kan filatan ta’uun ibsameera.
Magaalaa Finfinneetti kutaaleen hawaasa kumni 2 fi 500 ol boqonna kanaan kan hirmaatan yoo ta’u, marichis guyyoota 7 ‘f kan turu ta’uun ibsameera.
Ashaannafi Shibbirutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment