Komishinichi marii biyyaalessaaf danbiiwwan, qajeelfamootaa fi tarsiimoowwan qopheessaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Komishininiin maree biyyaalessaa Ityoophiyaa  marii biyyaalessaaf danbiiwwan, qajeelfamootaa fi tarsiimoowwan qopheessaa jiraachuu beeksise.

Komishinarri olaanaan komishinichaa Proofeesar Masfin Aarayaan turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin komishinichi adeemsa hanga ammaatiin dhaabbilee garaagaraa waliin marii taasisuun muuxannoo fudhachuu himaniiru.

Yeroo ittaanutti miidiyaalee, paartilee siyaasaa fi dhaabbilee biroo waliin marii kan taasisan ta’uu eeraniiru.

Ajandaa kan bocuu fi murtoonis kan uummataa ta’uu kaasuun, hayyoonni ajandaa uummataa dhiyeessuun kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Komishinichi marichaaf qophii haalduree taasisuurra darbee hojiilee garaagaraa baatii fi waggoottaniif hojjechuuf murteessuu fi hojiin ajandaa sassaabuu yeroo dhiyootti kan eegalu ta’uu dubbataniiru.

Bu’a qabeessummaa isaaf hawaasni hundi dammaqinaan hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru.

Almaaz Makonnintu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment