Komishiniin Maree Biyyaalessaa Misiyoonoota waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa hojii gaggeessaa jirurratti Misiyoonoota FDRI waliin mari’ateera.
Komishinarooni komishinichaa, Hoggantoonni Misiyoonoota Itiyoophiyaa fi Dippiloomaatoonni Diyaaspooraa maricharratti argamaniiru jedhame.
Rakkoolee mudatanii fi Hawaasa Disyaapooraa maricharratti hirmaachuuf deeggarsa Misiyoonootarraa eegamu ilaalchisee ibsi taasiifameera.
Kana dura miseensota Diyaaspooraa fi caasaaleewwan kutaalee addunyaarratti argaman waliin yeroo 7 mariin taasiifamuu fi galteewwan bu’aa qabeessi argamuu eerameera.
Adeemsa ajandaa walitti qabuurratti qooda Diyaaspooraa guddisuuf mariin taasiifamu kan itti fufu ta’uu ragaan Tajaajila Diyaaspooraarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment