Konkolaattoota Humna Elektirikaan hojjetan gara tajaajilaatti galchuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Sirna Geejjibaa baasii xiqqaa uumuuf Konkolaattoota Humna Elektirikaan hojjetan gara tajaajilaatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen eeraniiru.
Maaraatoon Motorsi Karoora mootummaan damichaan Tajaajila Geejjibaa faalama qabeenya qilleessarra bilisa taasiisuuf hojjetaa jirutti makamuu Dooktar Alamuun ibsaniiru.
Konkolaattoota humna haaromuun hojjetaniif xiyyeeffannoo kennuun sodaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuu fi hirkatummaa boba’aarraa ba’uuf qabeenya kuufamaa qabnu fayyadamuun mancaatii diinagdee biyyaa oolchuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Mootummaan Abbootii qabeenyaa Konkolaattoota Humna Elektirikaan socho’anirratti hojjetan kan jajjabeessuu fi hawaasa fayyadamoo taasiisuuf fooyya’iinsa taaksii hojiirra oolchuu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment