Koonfaransiin nageenya biyyoolessaa booru Finfinneetti adeemsifama

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Koonfaransiin nageenya biyyoolessaa boruu Finfinneetti adeemsifama.

Koonfaransichis mata duree “Ityoophiyaa hunda keenyaf mijattuu taatu haa umnu” jedhuun kan adeemsifamu ta’uun himameera.

Koonfaransichis kan qophaa’e koree abbootii qabeenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraatiini.

Koorichi koonfaransicha ilaalchisee ibsa laaten, biyyattiitti rakkoowwan uumaman mariin furuun kan danda’amu ta’uu ilaalchisee kan qopha’e jedhan.

Koonfaransicharratti hirmaattonni kumni 6 ni hirmaatu.

Koonfaransichis galma Barkumeetti ni adeemsifama jedhan.

Koonfaransii nageenyaa kanarratti hoggantoonni motummaa olaanoo, bakka bu’oota daldaltoota hawaasaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, dhaabbilee barnoota olaanoo, dargagootaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa ni hirmaatu.

Misikkir Sinaaffiqtu gabaase

Comments (0)
Add Comment