Koonfaransiin nageenyaa galma Barkumeetti taa’amaa jira

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Koonfaransiin nageenyaa galma Barkumeetti taa’amaa jira.

Koonfaransichi mata duree “Ityoophiyaa hunda keenyaf mijattu waloon yaa ijaarru” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Koonfaransii nageenyaa sadarkaa biyyoolessaatti qophaa’e kana kan qindeesse abbootii qabeenyaa Oromoo fi Amaarati.

Waltajjicharratti hoggansi mootummaa, bakka buutonni hawaasa daldalaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, bakka buutonni dhaabbilee barnoota olaanoo hirmaachaa jiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment