Koreen nageenyaa naannoo Somaalee dhimmoota Waqtaawaa adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Koreen nageenyaa naannoo Somaalee dhimmoota Waqtaawaa adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Korichi bakka Preezidaantiin naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad argamanitti sochiiwwan daldala seeraan alaa naannoo daangaa fi qaala’iinsa gatii waloon ittisuuf haala dandeessisurratti mari’ateera.
Biiroon Daldalaa fi Geejjibaa naannichaa fi Bulchiinsi magaalaa Jigjigaa, qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannoo waliin ta’uun qaala’iinsa gatii fi daldala seeraan alaa irratti to’annoo cimaa akka taasiisan qajeelfama kenneera.
Maricharratti dhaabbileen federaalaa fi naannichaa dhimmichi ilaallatu argamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment