Kurmaana jalqabaatti invastimantii kallattii alaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 7 ol argameera

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Kurmaana jalqabaa bara kanaatti invastimantii kallattii alaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 7 ol argameera.

Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa kana kan ifoomse waltajjii waloo waajjiraalee invastimantii naannoo fi federaalaa 14ffaa magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jirurratti.

Koomiishinichatti daayreektarri daayreektoreetii qophii karooraa fi gamaaggamaa obbo Niwaay Tadlaan akka beeksisanitti, kurmaana waggichaatti paarkota indaastirii mootummaa fi dhuunfaa 9tti oomishaalee alatti ergamanirraa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 47.4 ol argameera.

Kunis karoora qabamerraa %71 ta’uu ibsan.

Yeroo walfakkaataa bara darbeetin yoo madaalamu, barana abbootiin qabeenyaa oomishaalee isaanii alatti erguu eegaluu isaanitiin, damichi guddina %88 agarsiisera.

Sadarkaa biyyaatti naannolee salganii fi bulchiinsota magaalaa lamaanitti abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 50 ol galmeessisan 2,700f eeyyamni invastimantii laatameera.

Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti abbootiin qabeenyaa 295 ol eeyyama fudhatanii, tajaajila elektiriikatiif amma Birrii miiliyoona 3 kaffalanii tajaajila argachuu dhabuun komachuun amma hojii dhaabuutti ga’uu ibsan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment