Lammiileen 230 Oomaanirraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Oomaanitti bakka tursaa keessa turan 230 gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiileen deebi’an hundi dhiira ta’uu ibsameera.
Ebla 29 ,2016 irraa eegale lammiileen Oomaanitti argaman 460 garaa biyyaa deebi’aniiru.
Lammiilee Oomaanitti argaman kuma 1 fi 590 gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartoota fi Hawaasummaa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment