Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 149 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Hojii lammiilee Ityoophiyaa gara biyyaa deebisuu hojjetameen guyyaa har’aa marsaa sadiin lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 149 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’aniiru.

Lammiilee kanneen keessaa 14 daa’imman yoo ta’an kumni 1 fi 35 dhiirota ta’uu beekameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsii fi kunuunsi barbaachisu erga taasifameefiin booda gara giddugala tursiisaa qophaa’eef akka deeman taasifamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 12 fi 800 ol gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment